As,Wr,Wb

Guutuu hadiisa kanaa barreeffama gaadi tuqaatii dubbisaa, Haruun Arrashiid yeroo dhukkuba du'aa keessa jiru obboleeyyan isaatiin "bakka awwalcha kiyyaa na agarsiisaa" jedhe.Geessanii awwaalcha isaaf qophaa'aa jiru itti agarsiisan. Awwaalicha ilaalee boo'ee ija isaa gara samiitti ol kaasee akkana jedhe:ما أغنى عني مالية، هلك عني سلطانية"Qabeenyi kiyya homaa na hin fayyadne.Aangoon kiyyas amma narraa bade" jechuudha.Ergasii akkas jedhe:يا من لا يزول ملكه، ارحم عبدا قد زال ملكهYaa Rabbii mootummaan isaa hin dhabamne, gabricha kee mootummaan isaa jalaa dhumte mararfadhu" jechuudha.Addunyaan kun hanga feete mijattullee, qabeenya, aangoofi beekamtii qabaattus akka waan milluu ijaatti dhumuuti.Qabriin immoo nama hunda nyaachuuf teessi. Kanaafuu aakhiraa keenyaaf haa qophoofnu.https://jafar.tirushop.com

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Share with