📚 أنواع الكلمة في اللغة العربية

Gosoota Jechootaa Afaan Arabaa (Anwaa'ul Kalimah)

Seensa

Afaan Arabaa keessatti jechoonni gurguddoo gosoota sadiitti qoodamu. Gosoonni kunis bu'uura Afaan Arabaa barachuuf baay'ee barbaachisoodha.

Gosoonni jechootaa Afaan Arabaa sadan:

  1. اِسْمٌ (Ism) – Maqaa
  2. فِعْلٌ (Fi'l) – Gochima
  3. حَرْفٌ (Harf) – Jecha walitti hidhu

Mee tokko tokkoon isaanii haa ilaallu.

1. اِسْمٌ (ISM) – MAQAA

Ism jechuun maqaa namaa, bineensaa, meeshaa, bakka ykn wanta tokkoo ibsuudha.

Fakkeenya:

  • أَسَدٌ – Leenca
  • مَسْجِدٌ – Masjiida
  • قَلَمٌ – Qalama
  • كِتَابٌ – Kitaaba
  • طَالِبٌ – Barataa
  • بَيْتٌ – Mana

Fakkeenya himaa:

هَذَا قَلَمٌ

Hiikni isaa: Kun qalama.

2. فِعْلٌ (FI'L) – GOCHIMA

Fi'l jechuun jecha hojii ykn gocha raawwatamu ibsuudha.

Fakkeenya:

  • يَجْرِي – Ni fiiga
  • يَكْتُبُ – Ni barreessa
  • يَأْكُلُ – Ni nyaata
  • يَقْرَأُ – Ni dubbisa
  • يَذْهَبُ – Ni deema

Fakkeenya himaa:

الطَّالِبُ يَكْتُبُ

Hiikni isaa: Barataan ni barreessa.

3. حَرْفٌ (HARF) – JECHA WALITTI HIDHU

Harf jechuun jecha hiika isaa guutuu jecha biraa waliin walitti dhufuun ibsuudha.

Fakkeenya:

  • عَلَى – Irra
  • فِي – Keessa
  • إِلَى – Gara
  • مِنْ – Irraa
  • بِـ – Waliin / dhaan

Fakkeenya himaa:

الْكِتَابُ عَلَى الْمَكْتَبِ

Hiikni isaa: Kitaabni minjaala irra jira.

الْوَلَدُ فِي الْبَيْتِ

Hiikni isaa: Mucaan mana keessa jira.

GARAAGARUMMAA GOSOOTA JEECHOOTAA

GosootaHiika Afaan OromooFakkeenya
اِسْمٌMaqaaأَسَدٌ
فِعْلٌGochimaيَكْتُبُ
حَرْفٌJecha walitti hidhuفِي

📝 OF QORI – GAAFFII SHAHAALAA

Gaaffii 1: أَسَدٌ jechi jedhu gosa kami?

A. اِسْمٌ (Maqaa)
B. فِعْلٌ (Gochima)
C. حَرْفٌ (Harf)

Gaaffii 2: يَكْتُبُ jechi jedhu gosa kami?

A. اِسْمٌ (Maqaa)
B. فِعْلٌ (Gochima)
C. حَرْفٌ (Harf)

Gaaffii 3: فِي jechi jedhu gosa kami?

A. اِسْمٌ (Maqaa)
B. فِعْلٌ (Gochima)
C. حَرْفٌ (Harf)

DEEBII SIRRII

  1. A – اِسْمٌ (Maqaa)
  2. B – فِعْلٌ (Gochima)
  3. C – حَرْفٌ (Harf)

XUMURA

Barnoota keenya har'aa keessatti waa'ee gosoota jechootaa Afaan Arabaa sadii baranneerra.

  • Ism (اِسْمٌ) – Maqaa.
  • Fi'l (فِعْلٌ) – Gochima.
  • Harf (حَرْفٌ) – Jecha walitti hidhu.

Namni Afaan Arabaa sirriitti barachuu barbaadu gosoota jechootaa kana beekuun bu'uura guddaadha.

Baradhaa, hubadhaa, beekumsa keessanis guddifadhaa!

ABBAA FIRAA TECH – TIRUSHOP

Barnoota Afaan Oromoo fi Afaan Arabaa salphaa ta'een barachuuf nu hordofaa.

📖 Beekumsi humna!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Share with