🌍 YouTube Biyyoota Kam Keessatti Galii Kaffala? 🇺🇸💰
💻 YouTube irraa galii argachuu ni barbaaddaa? Biyyoota galii YouTube argachuun danda'amu beektaa?
Namoonni hedduun viidiyoo YouTube irratti maxxansuun galii argachuu akka danda'an ni beeku. Garuu biyyoonni hundi sagantaa galii YouTube keessatti hirmaachuu ni danda'u moo? Biyya kam keessa jiraachuun barbaachisa? Akkamitti galii argachuun danda'ama?
Gaaffilee kanaaf deebii argachuuf barreeffama kana dubbisi!
🌎 Biyyoota YouTube Monetization keessatti hirmaatan
YouTube sagantaa YouTube Partner Program (YPP) jedhamu qaba. Sagantaa kanaan namoonni ulaagaalee barbaachisan guutan viidiyoo isaanii irratti beeksisa agarsiisuun galii argachuu danda'u.
Biyyoota sagantaan kun keessatti argamu keessaa muraasni:
🇺🇸 Ameerikaa (United States)
🇬🇧 United Kingdom
🇨🇦 Canada
🇦🇺 Australia
🇩🇪 Germany
🇫🇷 France
🇳🇱 Netherlands
🇸🇪 Sweden
🇳🇴 Norway
🇯🇵 Japan
🇰🇷 South Korea
🇮🇳 India
🇰🇪 Kenya
🇳🇬 Nigeria
🇿🇦 South Africa
Hubachiisa: Tarreen kun fakkeenya biyyoota sagantaa kana keessatti hirmaatan keessaa muraasa qofa. Biyyoonni sagantaa kana keessatti hirmaatan yeroo yeroon jijjiiramuu danda'u. Biyya ati keessa jiraattu keessatti sagantaan kun jiraachuu isaa marsariitii YouTube irraa mirkaneeffadhu.
🇪🇹 Itoophiyaa keessa jiraachuun YouTube irraa galii argachuun ni danda'amaa?
Namoonni hedduun Itoophiyaa keessa jiraatanii YouTube irraa galii argachuu barbaadu.
Garuu yeroo YouTube Partner Program irratti galmaa'uu barbaaddu, biyyattiin ati keessa jiraattu sagantaa kana keessatti hammatamuu qabdi. Kanaaf, Itoophiyaa keessatti galii beeksisa YouTube argachuuf yeroo ammaa eeyyamamummaa biyyattii marsariitii YouTube irraa mirkaneessuun barbaachisaadha.
Biyya biraa filachuun qofti gahaa miti! Odeeffannoo sobaa kennuun ykn biyya ati keessa hin jiraanne keessatti jiraatta jechuun rakkoo herrega keetii irratti si mudachuu danda'a.
💰 YouTube irraa galii argachuuf maal barbaachisa?
- Chaanaalii YouTube qabaachuu.
- Viidiyoo ofii fi seera YouTube eeguun qopheessuu.
- Abbootii mirga qabaniif kabaja kennuu; viidiyoo nama biraa hayyama malee hin fayyadamin.
- Ulaagaalee YouTube Partner Program guutuu.
- Herrega AdSense for YouTube sirnaan qindeessuu.
- Biyya kee keessatti sagantaan galii YouTube eeyyamamuu isaa mirkaneeffachuu.
🚀 Ati YouTube irraa galii argachuu barbaaddaa?
Yoo YouTube irraa galii argachuu barbaadde, jalqaba chaanaalii kee ijaari, qabiyyee namoota fayyadu qopheessi, akkasumas ulaagaalee YouTube baradhu.
Odeeffannoo sirrii qabaachuun si gargaara; garuu galiin argattu lakkoofsa daawwannaa qofa irratti hin hundaa'u. Biyya daawwattoonni kee keessa jiran, gosa qabiyyee, beeksisota fi ulaagaalee YouTube guutuunis murteessaadha.
📌 Odeeffannoo dabalataa argachuuf: Marsariitii YouTube isa ofiisaa daawwadhu:
https://support.google.com/youtube/answer/7101720
👇 GUUTUU ISAA DUBBISUUF BARREEFFAMA ARMAAN GADII CUQAASAA!
Odeeffannoo kana hiriyoota keessan YouTube irraa galii argachuu barbaadaniif qoodaa. Waliin barannee waliin guddanna! 💚