Har’a waa’ee Google AdSense irraa maallaqa argachuu isin barsiisa.
Google AdSense jechuun tajaajila Google kan website ykn blogii irratti beeksisa agarsiisuun galii argachuuf gargaarudha.
Jalqaba, website ykn blogii qabaachuu qabda. Website kee irratti barreeffama qulqulluu fi nama fayyadu yeroo yerootti maxxan7si.
Fakkeenyaaf, waa’ee barnootaa, teknooloojii, hojii online, odeeffannoo, qajeelfama fi mata-dureewwan namoonni barbaadan irratti barreessuu dandeessa.
Ergasii website kee irratti namoonni akka daawwatan gochuun barbaachisaa dha. Namoonni baay’inaan website kee yoo daawwatan, carraan beeksisni AdSense mul’achuu fi galiin uumamuu ni dabala.
Garuu wanti tokko baay’ee barbaachisaa dha: beeksisa ofii keetii hin cuqaasin, namoota biraas akka cuqaasan hin dirqisiisin. Kun seera AdSense cabsuu danda’a.
Kana malees, website kee keessatti odeeffannoo sirrii, qabiyyee ofii keetii fi muuxannoo daawwataa gaarii qabaachuun barbaachisaa dha.
Yeroo website kee qopheessitee ulaagaalee Google guutte, AdSense irratti galmaa’uun website kee qorachiisuu dandeessa.
Yoo fudhatame, Google beeksisa website kee irratti agarsiisuu danda’a. Galiin ati argattu immoo daawwannaa fi hojii beeksisaa irratti hundaa’a; galii murtaa’e tokko akka siif kennamu jechuun miti.
Kanaaf, yoo ati website qabaatte, har’a irraa kaasee qabiyyee nama fayyadu barreessi, website kee babal’isi, daawwattoota dhugaa argachuuf hojjedhu, akkasumas seera Google AdSense hordofi.
Google AdSense jechuun maallaqa saffisaan argachuuf karaa salphaa qofa miti; website gaarii fi daawwattoota dhugaa ijaaruun barbaachisaa dha.
Viidiyoon kun yoo si fayyade, Like godhi, Share godhi, Subscribe godhi, akkasumas barreeffamoota fi viidiyoo biroo argachuuf nu hordofi.
Galatoomaa!